Sunday, 15 July 2012


Guddina Diinagdee fi Qaalawiinsa  Jireenya!
“Ask five economists and you'll get five different answers - six if one went to Harvard” kan jedhe hayyuu diingadee Ameerikaa nama Edgar Russell Fiedler jedhamuu dha.  Hayyoonni diingadee dhimma tokko irratti yaada fi ijjannoo tokko qabaachuu dhabuu ibsuuf qofa osoo hin taane dhimmi diinagdee haalawwan qabatamaa addaa addaa keessatti fuula adda addaa qabaachuu kan danda’uu ibsuuf fakkaata. Dhiibban geedaramiinsa jijjiiramaa diinagdee tokko ( kana akka oomisha waliigala (GDP), Gatii oomishaa fi tajaajilaa, Fedhii, dhiyeessa , dhiyeessa Maallaqaa, Geedarama sharafaa alaa, hirmaanna daldala addunyaaleessa ) isa kan biraa irratti qabaatuu fi hallii inni itti jireenya lammiiwanii miidhu bifa adda addaa qabaachuu danda’a.
Qaawwa kanatti dhimma bahuudhaan hooggantoonni biyyaa gama sabaahimaalee harkaa qabaniitiin  uummata  ittiin amansiisuuf yaalan dhagahuun waanuma baratame dha. Haata’u malee haallii kun yeroo takka takka dhugaa irraa daran fagaatee mula’ata. Icciti dirree irra jiruu fi mala-dhahaa saaynsiin diingdee kamiinu hin deeggaramnetti dhimma bahaanii waan wal faalleessu gama sabaahimalee harkaa qabaniittin yoo uumatatti gurra duuchan dhagaahamu. Akkuma addunyaan beektu amalli kun ammo sabaahimalee fi hoggantoota siyaasa Toophaatiif waan haara miti.  Yeroo adda addaatti dhimma wal falleessu dubbatanii deebi’anii ofumaa yeroo garagalchan mula’atu. Ka’uumsi dubbii kootis waanuma kana. Gama sabahimaa isaanii tokkoon oduun dhaabbanni gidduugalleessa waalta Adoolleessa 15, 2012 dabarse akkas jedha; “Qaalawiinsa jireenya guddina diinagdee waliin wal qabatee dhufe to’anno jala oolchuun gabaafame. Qaalawiinsa gatii kana gad xiqqeessuuf tarkaanfiwwan fudhataman keessa qamadii gargaarsaan alaa argamaan fayyadamtootaf raabsuun isa tokko turee jedhameera! ‘’ Oduu kana suur-sagaleen deeggaranii uummataaf dhiyeessan. Qaalawiinsi jireenyaa to’atamuun dhugaas ta’ee dhara sadarkaadhuma oduttuu dhagahuun gurraaf qoricha! Ani kanan kaasuu barbaadee, dhuguma guddinni diinagdee qaalawiinsa gatiitif sababa ni tahaa isa jedhuudha. Mal-dhahaan diingdee waan kana ni deeggara? Haalli qabatamaa diinagdee biyyaatti yeroo ammaa hoo waan kana waliin ni deema?
Akka saaynsiin diinagdee ibsutti, qaalawiinsa gatii (Inflation) jechuun; dabaliinsa sadarkaa gatii walii gala kan oomishaa fi tajaajilaa yeroodhaa gara yerootti tahuudha. Qaalawiinsi yoo baayee olka’ee jereenya uumataatifis ta’ee guddina dinaagdee waliigalaa biyyaatiif balaa guddaa qaba. Kana eenyulleen gurruma qaba! Akkuman dura jedhee, ka’uumsi kiyyaa walitti dhufeenya qaalawiinsi gatii kun guddina diinagdee waliin qabu irratti waa jechuu barbaadeeni.
Guddinni Diinagdee qaalawiinsa gatii ni hordofsiisaa? Deebiin gaaffii kaana Eeyyee ykn Lakkiis ta’uu mala! Eeyyee qaqqabsiisuu danda’a kan jennu, guddinni diinagdee jira jechuun gama biraatiin galiin lammiiwanii dabaleera jechuudha. Kun ammoo fedhii (demand) oomishaa fi tajaajilaa ol kaasuudhaan, keessattuu  yoo dhiyeessi jiru fedhii simachuu dadhabe, dabaliinsa gatii qaqqabsiisa.  Kuni ka tahuu  yeroo seektaroonni adda addaa diinagde keessa jiran gummanni isaan guddina diinagdee keessatti godhan kan wal hin gitne taheedha. Fakkeenyaaf, yoo guddinni seektara tajaajilaa seektara qonnaa caalee fi oomishini midhaan nyaata baayina ummata dabalaa deemu sooruu hin daandenye tahee biyyaa daldala alaatiif cufaa tatee keessatti qaalawinsi gatii midhaan nyaata waan hin oolle. Haala kana garmalee kan hammeessu inni biraa maallaqa giddina diinagdeen wal hin madaalle gara diinagdeetti facaasuudha. Maallaqni heedduun oomisha xiqqoo gabaa keessa ariiti – kun ammo gatii hammeessa!
Guddinni diinagdee argame madaalawaa fi gummanni seektaroota adda addaa kan wal simu yoo tahee, guddinni diinagdee qaalawiinsa jireenya ni wayyeessa malee hin hammeessu yaanni jedhuus deeggarsa guddaa qaba. Kun ifadha, guddina diinagdee jechuun oomishnii fi tajaajilli baay’inaan oomishameeraa jechuudha. Kun ammo, yoo dhiyyeessi maalaqaa dhaabata ta’e,  fedhii jiruu waliin waan wal simuuf qaalawiinssa gatii ni wayyeessa.  Hariiroo dhiyeessa maallaqaa fi qaalawiinsa jireenya gidduu jiru caalatti hubachuuf hima herreega armaan gaditti dhimma baane ilaaluu dandeenya:
MV = Pq  
M n dhiheessa maallaqa, V n saffisa maalaqaa (money velocity), Pn gatii oomishaa akkasumas q ammo sadarkaa oomishaa bakka bu’u. Hariiroo kana fudhannee yoo ilaalle, q ykn oomishni yoo dabalee fi dhiyyeessi maallaqa, MV n dhaabata yoo ta’e,  P –gatiin oomishaa kan gadi bu’uu ta’uu enyuunu hubachuu danda’a.
Mal-dhahaa kanaa olitti eeraman kan irraa kaanee yoo haala qabatamaa biyya Toophatti deebine, dhuguma guddinni diinagdee qaalawiinsa jireenyaa hammeessere? Isin waan jettan jedhaa, ani kanan jedhu dubbiin tana mitiidha. Guddinumti diinagdee jedhamu kunuu dhuguma jiraayyi kan jedhu akkuma jirutti ta’ee, yoo dhuguma jiraate akka isaan sabqunamtiidhan nutti himan jireenya kan qaalesse guddina diinagdee osoo hin taane, maalaqa guddina diinagdeetiin wal hin gitne facaasuudha. Akkuma beekamu qaalawiinsi jireenya biyyattii keessatti kan caala hammaate kan midhaan nyaatati. Guddinni jedhamu ammo gara caalu kan galmeeffame guddina seektara qonnaatiini. Akkas taanaan dhiyyeessa maalaqaatu guddiina galmeeffame caalee jechuudha. Kanas amanuun nama rakkisa. Maaliif jennaan tarkaanfiin yeroo adda addaatti gama kanaan fudhatame bu’aa yoo argamsiisu hin mula’anne.  Erga oomishinni qonnaa guddatee, maaltuu qaalawiinsa midhaan nyaata haammessere gaafi jedhuu gaafatamnaan mataan minsteera biyyattidha, hanqina dhiyeessa midhaan nyaata osoo hin taanee rakkoo raabsaa qabnaa jedhanis turan. Kana qofaas miti, daldaltoonni seeran alaa oomishaa biyya keessaa karaa dhoksaan biyyaa baasan jedhan. Dubbii jalqabaa dhugaa akka hin taane karaa adda addaan deebisani nutti himaniiru. Isaan keessa tokko hoogganaan baankii biyyoolessa gabaasa paarlaamadhaaf dhiyeessan keessatti rakkini qaalawinsa jireenya hanqina oomisha qonnaa akka ta’e himan. Lammaffaa oduudhuma sabahimaan isaani gaabase kana keessatti, mala ittiin qaalawiinsa to’atan keessaa qamadii gargaarsaan argatan raabsuun maalee kan oomishanii qaban raabsuun akka hin taane nuuf himaniiru. Kan oomisha karaa dhoksaan biyyaa baasanii gurguruu kuniis waanuma hin fakkaanne. Maaliif jennaan, yeroo isaan baanan kanatti gatiin midhaan nyaata kan addunyaa waliin yoo wal dorgomsiifne kan Toophaatu  baayee caala. Maalree maal haa buusuf sanumaa karaa dhoksaan baasii biraatiif of saaxilanii  biyyaa baasu daldaltoonni! Egaa walumagalatti sababiin qaalawinsaa kan Toophaa guddinni diinagdee jedhamu kan gaaffii keessa galuudha yaada jedhutti nama geessa.

Wednesday, 11 July 2012


Oromummaa fi Moggaasa Maqaa
Dhalli nama waan tokko isa kan biraa irraa adda baafachuudhaaf maqaatti dhimma baha. Wantoota lubbuu qabanis haa ta’uu lubbu-dhabeeyyiin hawaasa tokko keessatti kan maqaa hin qabne waan jiran natti hin fakkaatu. Akkasuma wanti hawaasichi hin qabne ykn irra hin qaqqabne tokko ammoo hawaasa sana biratti maqaa hin qabaatu. Kanaaf maqaan qaroomina hawaasini tokko irra gahe fa’a callaqisiisa jedhu beektonni. Maqaan waan tokko kan biraa irraa adda baasuu irra taree eenyummaadhasi. Hawaasni tokko nama isaas ta’ee sa’a, mukas ta’ee laga, biyyaas ta’ee kan biraatiif yoo maqaa moggaasu hawwii, abdii, jaalala, jibba, qanaani akkasuma gidiraa fi waan kana fakkaataniin wal qabsiiseeti. Kanaaf maqaan jiruu fi jireenya hawaasichi bara jireenya isaa dabrse sirritti calaqqisisee mul’isa. Kanaaf maqaan eenymaadha. Marree kanaafi miti koloneeffattonni saba koloneeffatan maqaa nama isaa, maqaa lafa (biyya) isaa akkasuma maqaa sa’a isaa irraa jijjiiru. Eenyummaa fi maalumma saba sanaa dhoksuuf malee waan biraatiif miti.

Ka’uumsi koo waayee falaasama maqaa isinitti himuuf miti. Waa’ee moggaasa maqaalee kan dagaagina oromummaa waliin wal qabatanii dhufan waan na ajaa’ibee isiniif qooduu barbaadeni malee. Uummata oromoo biratti moggasni maqaa sirna seeraa fi safuu qabuun gaggeefama. Kanaaf ragaa guddaan Sirna Gubbisaa kan ummanni keenya Boorana hara’allee haala miidhagaa ta’een kunuunsee asiin gahee fi ilmaan isaatiif maqaa itti moggaasa jirudha. Waa’ee gubbisaa yeroo biraa bali’inaan qabadheen as deebi’a. Akkuman dura kaase, umanni keenya ijoollee isaatiif maqaa yoo moggaasu haala qabatama keessa jiruun wal qabsiiseeti. Kunis hawwii, abdii, jaalala, jibba, roorro fi gidiraa ta’uu danda’a. Kana malees maqaa firoota ykn gosa isaa kan darban ittiin yaadachuuf deebisani ijoollee ofiitti maggaasunis ni jira.

Akkuma olitti kaasuf yaalee, koloneefattonni yeroo saba tokko koloneefatan eenyuumma saba kolooneffatani sana baleessu irratti xiyyeefatu. Kuni hiree uumata oromootis muudateedha. Koloneffattonni habashaa maqaa nama qofaa osoo hin taane, maqaa mukaa, maqaa laggeeni, maqaa gaarreeni, maqaa magaaloota, maqaa sa’aa, maqaa midhaani hunda jijjiiruu irratti duulanni turan. Sabboontonni oromoo bilisummaa saba isaanitif kufan kaayyoon isaani guddaan enyuumma habashoonni jaarraa dheeraaf gara dabarsan kana iddoo isaa ganamaatti deebisuu akka ture isinuu ni beektu. Maarree yeroo calaqqeen bilisuummaa daraarte sana; bara abdiin dorrobdee deebitee gogde sana hojjiwwan gurguddoo hojjataman keessa tokko maqaalee oromoo kan ganamaa iddoo isaaniti deebisuu ture. Fakkeenyaaf maqaa magaalota fi dhaabilee barnoota tokko tokko akka oromoonni waamanitti akka waamaman taasifamee ture. Jarri hara’as akkuma dur  jalli’isanitti waamanis oromoonni maqaa qajeela ofii beekaniin waamuu irraa kan isaan dhorku hin jiru hara’a. Tokko tokko warraan wal fakkaachuuf kan garas harkifatu dhabamuudhaa batuus! Maqaa biyyaa fi dhaabbilee adda addaatiin alatti maqaa ijollee ofii maqaa oromummaa callaqisiisu itti mogaasuunis qaama qabsoo sana ture. Inni kun akka warra kaanii ifajjii guddaa waan hin gaafanneef akkuumma itti toletti maggaafacha jira oromoon. Anis kan na ajaa’ibe waa’eedhuma moggaasa maqaa  kan guddina oromummaa keessa dagaagee kanaan wal qabatee dha. Tokko tokko maqaa oromuu ta’uu isaanitu dafanii hubachuun nama rakkisa; ta’uus nama boonsa! Fakeenya fudhannee yoo ilaalle maqooleen durii kan abboonni keenya ittiin beekaman Qumbii, Tulluu, Jootee, Godaana, Bakaree, Dhaaba, Tolchaa, Tolasaa, Dachaasa, Mardaasa  fi kkf yoo ta’an.  Ayyoliinis Bashaaddu, Abaaboo, Looko, Toltuu, Kumalee, Wayyaa, Nadhii, Dharraa fa’a. Kan bara kanaa ammo; Firaa’ol, Firaanbon, Na’ol, Naafyad, Diinayas, Diinkolas, Siifan, Naanati, Keebek, Naafbeek, Simarsan fa’a. Kanan irraanfadhees baayeedhuma isin kan ofii beektan itti guuta. Egaa kanas ta’ee sana moggaasni maqaa kan bara kanaas akkuma kaleessa hawwii fi abdii sabichi qabu calaqisiisu hin dhiifne. Jabaatees itti fufuu qabaan ergaa kooti.

Mee anis waanuma kanaan wal qabatee  na qunname tokko isinitti himeen dubbii koo dammaan qaba! Guyyaa tokoo imalaaf manaa baheen konkolaata keessa bu’ee Adaamadha gara finfinnee deema ture. Amala konkolaata biyya keenya silas beektu isinuu; kan argatte bira hin dabartu waan ishee komatan itti fakkaata dhaabattetuma guurracha deemti. Intalti magaalli lookoon takka dhaabatte harka itti qabnaan tola beektun nuti keessa jirrus dhaabdee olseensifte. Teessoon nama lama qofaaf kan hayyamame yoo ta’ellee sadaffaa akka nutti dabalmtu jalaa siqi naan jedhe gargaaran konkolaachisa. Isaanif nahee osoo hin taaane intalumti akka ana bira hin dabarre jedheen rakkoo hin qabuu koottu taa’ii nu gahaa jedheen! Safuudha! Isheenis tole jettee ana bira qubbante. Karaadhaaf qoricha jennee takka lama jechuu eegalle. Maqaan kee eenyu jennaan ‘Simarsan’ naan jette! Hubadhaa kan haasawaa turre afaan Amaaratiini. Maal kun ammo maqaa ‘faranjii’ ta’aa jedheen yaade. Anuma hiiqa maqaa ishee gaafachuuf jedhu bilbilli ishee iyyitee kaafte dubbisuu eegalte. Afaan Oromootiin haasofti! Bilbila cuftee yoo as deebitu, anis isuma bilbilaan dubachaa turteen mee hiikkaa maqaa keeti kana naaf himiin jedheen. Isheenis, Afaan oromoo ni beektayii naan jette dubbii ishee itti fufte! Kan beeka wallaalee malee Afaan saba guddaa nama dhiisi dhaaganuu ni beeka biyya Toopha keesattin jedhe garuma kootitti!  Simarsan jechuun sitti naanna’an ykn siif baaya’atan  jechuudha kan naaf moggaase akkoo (haadha abbaa) kootiiti naan jette. Anis garaadhuma kiyyatti akkoonis moggaasa maqaa kan jabanaa keessa edaa harka qabuu jedheen, mee akkamitti maal irraa ka’aniiti jedheen gaafadhe. Isheenis Abbaan ishee akkoo isheef ilma tokkicha akka ta’ee fi ilmaan isaa arguuf akkoon ishee  baayee hawwaa akka turte natti himte. Akka akkoon yaadan osoo hin taane abbaan koo baayee turee  haadha kiyya fuudhee naan jette. Marree turee fuudhuus dafee ijoollee dhalfatee haadha gamachiisuf hin rakkanee  jette itti fuftees. Akkam jennaan, takkumaan ilmaan dhiira lakkuu dhalchee gammachuu dachaa godheef naan jette. Toolee ani jennaan, anis isaanitti aneen dhaladhee kanumaaf akkoon - akkasi kunoo amma ‘Simarsan’ jetteeni naan jette! Intala finfinnee akka taateefi Adaama  adaada ishee dubbisuu akka dhufte natti himte. Isheenis mana isaanii geese nagaa natti dhaamte, anis ammas Adaamaan si haabarattu deeddebi’ii koottu jedheen tessoo wal jijiirree adda baane! Dubbii koo dammaan qadaade!

Horaa Bulaa!

Aadaa Fuudhaa fi Heerumaa ( Gaa’ela)
Aadaan calaqqee jiruu fi jireenya saba tokkooti. Saba tokko saba kan biraa irraa waanti adda godhu ykn kan ittiin beekamu aadaa bultuma isaati. Kunis aadaa uffannaa, aadaa fuudhaa fi heerumaa, aadaa du’aa fi awwaalchaa, aadaa ayyaanotaa fi sirbaa, aadaa waliin jireenya maatii fi firaa, aadaa nyaataa fi dhugaatii, aadaa ijaarsa manaa fi meeshaa itti fayyadaman, aadaa hojii fi hormaataa, taphoota (ispoortii), akkaataa dabbasaa( rifeensa) dhahatan ykn filatan fi waan kana fakkaatan jennee bakka hedduutti addaan qoodnee ilaaluu ni dandeenya.
Sabni dinagdeen guddatee fi siyaasaan qaroome, akkasumas kanneen guddinarra jiranii fi duubatti hafaa jedhaman marti aadaa keessa turanii fi jiraataa jiran, akkuma sadarkaa guddina isaaniitti guddifachaa fi fooyyeffachaa adeemu malee kan tuffatanii gatan hin qaban. Isa beekuuf aadaan qabeenya guddaa kan dhaloota irraa dhalootaan dhaalamuu fi seenaa ummata sanaati. Qaroomaa fi guddinni marti, maddi isaa aadaa sabni sun qaburraa burqa. Aadaa ofii gatanii kan ormaa ergifachuun qaroomuu ykn guddachuun hin danda’amu, ykn ammoo eenyummaa ofii gatanii kan ormaan liqimfamuu ta’a. Kun ammoo aadaa dhablee ta’uun, aadaa saba biraan gabroomuudha.
Ummanni Oromoos aadaa mataa isaa kan orma irraa adda isa godhu hedduu qaba. Kan akka sabaatti waliin qabuu fi akka gosaatti naannoo naannoo isaatti qabu danuudha. Sababa dhiibbaa amantiin alagaa itti fidee fi hacuuccaan gabroofataa irraan gaheef irra hedduun aadaa Oromoo dagatamaa fi irraanfataamaa haa dhufu malee, dhiibbaa kana irraa damdamtee kan hafee fi amma ittiin jiraachaa jiru baayyee tu jira. Kan dagatamee ykn balfatamaa ture sana qorachuun mul’isuu fi kanneen amma jiran ammoo kunuunfachuun dagaagfatuun ammoo dirqama dhaloota har’aa ti.
Kan har’a akka walii galaatti beekamuu fi kan naannoo adda addaatti raawwataman hanga ammaa kan beekamu dhaloonni ammaa akka baratuu fi hubatu, akkasumas kanneen golee Oromiyaa adda addaatti dhokate ykn awwaalamee jiru ammoo qorachuun bakka awwaalamee baasuun sabatti mul’isuu fi guddisuun nurraa eegama. Waan armaan olitti tuttuqaman kana keessaa hanga tokko akka seensaatti irraa waa xixiqqoo qicannee asiin gaditti ilaalla.
Sirni Gaa’elaa ilmaan namaa mara biratti kabajaa fi ilaalcha guddaa qaba. Adeemsi isaa fi haalli sirni fuudhaa fi heerumni itti raawwatus adda adda.
Description: http://waaqeffannaa.org/wp-content/uploads/2010/12/gaaela2-300x213.jpg
Cidha (Rakoo)
Fedhii, marii maatii fi gosa warra walfuudhu lamaaniin kan raawwatamudha. Iddoo dha iddootti sirni rawwii isaa garagara yoo ta’eyyuu oromiyaa gututti beekama fi kabajaamaadha.
Butii
Butiin fedhii fi beekumsa intalaa malee humnaan fuudhuudha, kuni yeroo amma waan seera motummaan dhoowwameef hafaa dhufeera.
Ababbalii ykn Hawwii
Inni kun ammoo osoo warri hin beekiin warri walfuudhan waliif galanii walfuudhuu ta’a.
Sabbatmarii ykn Irra dhaaba
Gosti gaa’elaa kun ammoo osoo warri intalaa quba hin qabaatiin tasuma itti dhufanii akka aadaatti hatattamaan akka kennaniif gaafachuu fi fuudhuudha. Jaarsollin Amaamota dura kallachaa fi caaccuu qabatanii warraa fi firoota intalaa intala teessan mucaa keenyatti heerumsiisa jedhanii gaafatu. Kallachaa fi Caaccuun meesha ulfaa jedhaamani waan beekamanif oromoo biratti ulfina fi safuu qabu. Kanaaf Kallachaa fi caccuun dhufnaan hin deebisan.
Aseennaa
Intalli osoo hin heerumni yoo turtee ykn nama itti heerumuu barbaadde tokko yoo qabaatte waan duudhaa fi aadaa guuttattee mana warra gurbaa dhaquudhaan achuma turti. Waan duudhaa fi aadaaa isheen qabattee dhaqxe ilaaluun akka heerumaaf dhufte waan baramuuf gaa’eelli raawachuu isaa mirkaneessuf.
Egaa gosti fuudha fi heerumaa hala kanaan bakka gara garaatti qoodama. Adeemsi isaanis, Jalqabamee hanga xumuramutti, gargari. Isaan kana keessaa kan ummata biratti kabajamaa fi seera qabeessa ta’ee beekamu, sirna Gaa’elaa kan marii warraa fi warra walfuudhaniin raawwatamu isa sirna Cichaan raawwatamuudha. Hawaasa oromoo birattii yeroo ammaas kan bali’naan hojirraa oola jiru isa kana. Kunis jalqabaa irraa hanga xumuraatti adeemsaa fi tartiiba mataa isaa danda’e, duudhaa fi safuu guutamuu qaban, wallee fi sirba kana waliin deemanii fi kkf. ofi keessaa qaba. Akkuma beekamu yeroo amma oromonni oromummaa isaanitti boonun sirna Gaa’eela isaani karaa ammayyaa ta’ee fi Aadaa, duudhaa fi safuu ganamaa karaa qabateen miidhaganii yoo rawwatan arguun waanuma barame. Garuu meeqan keenyatu akaakuun gaa’eela jalqabaa hanga xumuratti tartiiba barbaachisan, duudha fi safuu guutamu qaban addaan baafanne beekna? Hamma beeknu walitti haa himnuun dhaamsa kooti!