Oromummaa fi Moggaasa Maqaa
Dhalli
nama waan tokko isa kan biraa irraa adda baafachuudhaaf maqaatti dhimma baha.
Wantoota lubbuu qabanis haa ta’uu lubbu-dhabeeyyiin hawaasa tokko keessatti kan
maqaa hin qabne waan jiran natti hin fakkaatu. Akkasuma wanti hawaasichi hin
qabne ykn irra hin qaqqabne tokko ammoo hawaasa sana biratti maqaa hin qabaatu.
Kanaaf maqaan qaroomina hawaasini tokko irra gahe fa’a callaqisiisa jedhu
beektonni. Maqaan waan tokko kan biraa irraa adda baasuu irra taree eenyummaadhasi.
Hawaasni tokko nama isaas ta’ee sa’a, mukas ta’ee laga, biyyaas ta’ee kan
biraatiif yoo maqaa moggaasu hawwii, abdii, jaalala, jibba, qanaani akkasuma
gidiraa fi waan kana fakkaataniin wal qabsiiseeti. Kanaaf maqaan jiruu fi
jireenya hawaasichi bara jireenya isaa dabrse sirritti calaqqisisee mul’isa.
Kanaaf maqaan eenymaadha. Marree kanaafi miti koloneeffattonni saba
koloneeffatan maqaa nama isaa, maqaa lafa (biyya) isaa akkasuma maqaa sa’a isaa
irraa jijjiiru. Eenyummaa fi maalumma saba sanaa dhoksuuf malee waan biraatiif
miti.
Ka’uumsi
koo waayee falaasama maqaa isinitti himuuf miti. Waa’ee moggaasa maqaalee kan
dagaagina oromummaa waliin wal qabatanii dhufan waan na ajaa’ibee isiniif qooduu
barbaadeni malee. Uummata oromoo biratti moggasni maqaa sirna seeraa fi safuu
qabuun gaggeefama. Kanaaf ragaa guddaan Sirna Gubbisaa kan ummanni keenya
Boorana hara’allee haala miidhagaa ta’een kunuunsee asiin gahee fi ilmaan
isaatiif maqaa itti moggaasa jirudha. Waa’ee gubbisaa yeroo biraa bali’inaan
qabadheen as deebi’a. Akkuman dura kaase, umanni keenya ijoollee isaatiif maqaa
yoo moggaasu haala qabatama keessa jiruun wal qabsiiseeti. Kunis hawwii, abdii,
jaalala, jibba, roorro fi gidiraa ta’uu danda’a. Kana malees maqaa firoota ykn
gosa isaa kan darban ittiin yaadachuuf deebisani ijoollee ofiitti maggaasunis
ni jira.
Akkuma
olitti kaasuf yaalee, koloneefattonni yeroo saba tokko koloneefatan eenyuumma
saba kolooneffatani sana baleessu irratti xiyyeefatu. Kuni hiree uumata
oromootis muudateedha. Koloneffattonni habashaa maqaa nama qofaa osoo hin taane,
maqaa mukaa, maqaa laggeeni, maqaa gaarreeni, maqaa magaaloota, maqaa sa’aa,
maqaa midhaani hunda jijjiiruu irratti duulanni turan. Sabboontonni oromoo
bilisummaa saba isaanitif kufan kaayyoon isaani guddaan enyuumma habashoonni
jaarraa dheeraaf gara dabarsan kana iddoo isaa ganamaatti deebisuu akka ture
isinuu ni beektu. Maarree yeroo calaqqeen bilisuummaa daraarte sana; bara
abdiin dorrobdee deebitee gogde sana hojjiwwan gurguddoo hojjataman keessa
tokko maqaalee oromoo kan ganamaa iddoo isaaniti deebisuu ture. Fakkeenyaaf
maqaa magaalota fi dhaabilee barnoota tokko tokko akka oromoonni waamanitti
akka waamaman taasifamee ture. Jarri hara’as akkuma dur jalli’isanitti waamanis oromoonni maqaa
qajeela ofii beekaniin waamuu irraa kan isaan dhorku hin jiru hara’a. Tokko
tokko warraan wal fakkaachuuf kan garas harkifatu dhabamuudhaa batuus! Maqaa
biyyaa fi dhaabbilee adda addaatiin alatti maqaa ijollee ofii maqaa oromummaa
callaqisiisu itti mogaasuunis qaama qabsoo sana ture. Inni kun akka warra
kaanii ifajjii guddaa waan hin gaafanneef akkuumma itti toletti maggaafacha
jira oromoon. Anis kan na ajaa’ibe waa’eedhuma moggaasa maqaa kan guddina oromummaa keessa dagaagee kanaan
wal qabatee dha. Tokko tokko maqaa oromuu ta’uu isaanitu dafanii hubachuun nama
rakkisa; ta’uus nama boonsa! Fakeenya fudhannee yoo ilaalle maqooleen durii kan
abboonni keenya ittiin beekaman Qumbii, Tulluu, Jootee, Godaana, Bakaree,
Dhaaba, Tolchaa, Tolasaa, Dachaasa, Mardaasa fi kkf yoo ta’an. Ayyoliinis Bashaaddu, Abaaboo, Looko, Toltuu,
Kumalee, Wayyaa, Nadhii, Dharraa fa’a. Kan bara kanaa ammo; Firaa’ol,
Firaanbon, Na’ol, Naafyad, Diinayas, Diinkolas, Siifan, Naanati, Keebek,
Naafbeek, Simarsan fa’a. Kanan irraanfadhees baayeedhuma isin kan ofii beektan
itti guuta. Egaa kanas ta’ee sana moggaasni maqaa kan bara kanaas akkuma
kaleessa hawwii fi abdii sabichi qabu calaqisiisu hin dhiifne. Jabaatees itti
fufuu qabaan ergaa kooti.
Mee anis
waanuma kanaan wal qabatee na qunname
tokko isinitti himeen dubbii koo dammaan qaba! Guyyaa tokoo imalaaf manaa
baheen konkolaata keessa bu’ee Adaamadha gara finfinnee deema ture. Amala
konkolaata biyya keenya silas beektu isinuu; kan argatte bira hin dabartu waan
ishee komatan itti fakkaata dhaabattetuma guurracha deemti. Intalti magaalli
lookoon takka dhaabatte harka itti qabnaan tola beektun nuti keessa jirrus
dhaabdee olseensifte. Teessoon nama lama qofaaf kan hayyamame yoo ta’ellee sadaffaa
akka nutti dabalmtu jalaa siqi naan jedhe gargaaran konkolaachisa. Isaanif
nahee osoo hin taaane intalumti akka ana bira hin dabarre jedheen rakkoo hin
qabuu koottu taa’ii nu gahaa jedheen! Safuudha! Isheenis tole jettee ana bira qubbante.
Karaadhaaf qoricha jennee takka lama jechuu eegalle. Maqaan kee eenyu jennaan ‘Simarsan’
naan jette! Hubadhaa kan haasawaa turre afaan Amaaratiini. Maal kun ammo maqaa ‘faranjii’
ta’aa jedheen yaade. Anuma hiiqa maqaa ishee gaafachuuf jedhu bilbilli ishee
iyyitee kaafte dubbisuu eegalte. Afaan Oromootiin haasofti! Bilbila cuftee yoo
as deebitu, anis isuma bilbilaan dubachaa turteen mee hiikkaa maqaa keeti kana
naaf himiin jedheen. Isheenis, Afaan oromoo ni beektayii naan jette dubbii
ishee itti fufte! Kan beeka wallaalee malee Afaan saba guddaa nama dhiisi
dhaaganuu ni beeka biyya Toopha keesattin jedhe garuma kootitti! Simarsan jechuun sitti naanna’an ykn siif
baaya’atan jechuudha kan naaf moggaase
akkoo (haadha abbaa) kootiiti naan jette. Anis garaadhuma kiyyatti akkoonis
moggaasa maqaa kan jabanaa keessa edaa harka qabuu jedheen, mee akkamitti maal
irraa ka’aniiti jedheen gaafadhe. Isheenis Abbaan ishee akkoo isheef ilma tokkicha
akka ta’ee fi ilmaan isaa arguuf akkoon ishee baayee hawwaa akka turte natti himte. Akka
akkoon yaadan osoo hin taane abbaan koo baayee turee haadha kiyya fuudhee naan jette. Marree turee
fuudhuus dafee ijoollee dhalfatee haadha gamachiisuf hin rakkanee jette itti fuftees. Akkam jennaan, takkumaan
ilmaan dhiira lakkuu dhalchee gammachuu dachaa godheef naan jette. Toolee ani
jennaan, anis isaanitti aneen dhaladhee kanumaaf akkoon - akkasi kunoo amma ‘Simarsan’
jetteeni naan jette! Intala finfinnee akka taateefi Adaama adaada ishee dubbisuu akka dhufte natti himte.
Isheenis mana isaanii geese nagaa natti dhaamte, anis ammas Adaamaan si haabarattu
deeddebi’ii koottu jedheen tessoo wal jijiirree adda baane! Dubbii koo dammaan
qadaade!
Horaa
Bulaa!
Barruu gaarii dha. Jabaadhu.
ReplyDeleteThanks and that i have a swell give: Who Repairs House Siding complete home renovation
ReplyDelete