Aadaa Fuudhaa fi Heerumaa (
Gaa’ela)
Aadaan
calaqqee jiruu fi jireenya saba tokkooti. Saba tokko saba kan biraa irraa
waanti adda godhu ykn kan ittiin beekamu aadaa bultuma isaati. Kunis aadaa
uffannaa, aadaa fuudhaa fi heerumaa, aadaa du’aa fi awwaalchaa, aadaa
ayyaanotaa fi sirbaa, aadaa waliin jireenya maatii fi firaa, aadaa nyaataa fi
dhugaatii, aadaa ijaarsa manaa fi meeshaa itti fayyadaman, aadaa hojii fi
hormaataa, taphoota (ispoortii), akkaataa dabbasaa( rifeensa) dhahatan ykn
filatan fi waan kana fakkaatan jennee bakka hedduutti addaan qoodnee ilaaluu ni
dandeenya.
Sabni
dinagdeen guddatee fi siyaasaan qaroome, akkasumas kanneen guddinarra jiranii
fi duubatti hafaa jedhaman marti aadaa keessa turanii fi jiraataa jiran, akkuma
sadarkaa guddina isaaniitti guddifachaa fi fooyyeffachaa adeemu malee kan
tuffatanii gatan hin qaban. Isa beekuuf aadaan qabeenya guddaa kan dhaloota
irraa dhalootaan dhaalamuu fi seenaa ummata sanaati. Qaroomaa fi guddinni
marti, maddi isaa aadaa sabni sun qaburraa burqa. Aadaa ofii gatanii kan ormaa
ergifachuun qaroomuu ykn guddachuun hin danda’amu, ykn ammoo eenyummaa ofii
gatanii kan ormaan liqimfamuu ta’a. Kun ammoo aadaa dhablee ta’uun, aadaa saba
biraan gabroomuudha.
Ummanni
Oromoos aadaa mataa isaa kan orma irraa adda isa godhu hedduu qaba. Kan akka
sabaatti waliin qabuu fi akka gosaatti naannoo naannoo isaatti qabu danuudha.
Sababa dhiibbaa amantiin alagaa itti fidee fi hacuuccaan gabroofataa irraan
gaheef irra hedduun aadaa Oromoo dagatamaa fi irraanfataamaa haa dhufu malee,
dhiibbaa kana irraa damdamtee kan hafee fi amma ittiin jiraachaa jiru baayyee
tu jira. Kan dagatamee ykn balfatamaa ture sana qorachuun mul’isuu fi kanneen
amma jiran ammoo kunuunfachuun dagaagfatuun ammoo dirqama dhaloota har’aa ti.
Kan har’a
akka walii galaatti beekamuu fi kan naannoo adda addaatti raawwataman hanga
ammaa kan beekamu dhaloonni ammaa akka baratuu fi hubatu, akkasumas kanneen
golee Oromiyaa adda addaatti dhokate ykn awwaalamee jiru ammoo qorachuun bakka
awwaalamee baasuun sabatti mul’isuu fi guddisuun nurraa eegama. Waan
armaan olitti tuttuqaman kana keessaa hanga tokko akka seensaatti irraa waa
xixiqqoo qicannee asiin gaditti ilaalla.
Sirni Gaa’elaa ilmaan namaa
mara biratti kabajaa fi ilaalcha guddaa qaba. Adeemsi isaa fi haalli sirni
fuudhaa fi heerumni itti raawwatus adda adda.
Cidha (Rakoo)
Fedhii,
marii maatii fi gosa warra walfuudhu lamaaniin kan raawwatamudha. Iddoo dha
iddootti sirni rawwii isaa garagara yoo ta’eyyuu oromiyaa gututti beekama fi
kabajaamaadha.
Butii
Butiin fedhii fi beekumsa
intalaa malee humnaan fuudhuudha, kuni yeroo amma waan seera motummaan
dhoowwameef hafaa dhufeera.
Ababbalii ykn Hawwii
Inni kun ammoo osoo warri hin
beekiin warri walfuudhan waliif galanii walfuudhuu ta’a.
Sabbatmarii ykn Irra dhaaba
Gosti gaa’elaa kun ammoo osoo
warri intalaa quba hin qabaatiin tasuma itti dhufanii akka aadaatti hatattamaan
akka kennaniif gaafachuu fi fuudhuudha. Jaarsollin Amaamota dura kallachaa fi
caaccuu qabatanii warraa fi firoota intalaa intala teessan mucaa keenyatti
heerumsiisa jedhanii gaafatu. Kallachaa fi Caaccuun meesha ulfaa jedhaamani
waan beekamanif oromoo biratti ulfina fi safuu qabu. Kanaaf Kallachaa fi
caccuun dhufnaan hin deebisan.
Aseennaa
Intalli osoo hin heerumni yoo
turtee ykn nama itti heerumuu barbaadde tokko yoo qabaatte waan duudhaa fi
aadaa guuttattee mana warra gurbaa dhaquudhaan achuma turti. Waan duudhaa fi
aadaaa isheen qabattee dhaqxe ilaaluun akka heerumaaf dhufte waan baramuuf
gaa’eelli raawachuu isaa mirkaneessuf.
Egaa gosti fuudha fi heerumaa
hala kanaan bakka gara garaatti qoodama. Adeemsi isaanis, Jalqabamee hanga
xumuramutti, gargari. Isaan kana keessaa kan ummata biratti kabajamaa fi seera
qabeessa ta’ee beekamu, sirna Gaa’elaa kan marii warraa fi warra walfuudhaniin
raawwatamu isa sirna Cichaan raawwatamuudha. Hawaasa oromoo birattii yeroo
ammaas kan bali’naan hojirraa oola jiru isa kana. Kunis jalqabaa irraa hanga
xumuraatti adeemsaa fi tartiiba mataa isaa danda’e, duudhaa fi safuu guutamuu
qaban, wallee fi sirba kana waliin deemanii fi kkf. ofi keessaa qaba. Akkuma
beekamu yeroo amma oromonni oromummaa isaanitti boonun sirna Gaa’eela isaani
karaa ammayyaa ta’ee fi Aadaa, duudhaa fi safuu ganamaa karaa qabateen
miidhaganii yoo rawwatan arguun waanuma barame. Garuu meeqan keenyatu akaakuun
gaa’eela jalqabaa hanga xumuratti tartiiba barbaachisan, duudha fi safuu
guutamu qaban addaan baafanne beekna? Hamma beeknu walitti haa himnuun dhaamsa
kooti!
No comments:
Post a Comment