Sunday, 15 July 2012


Guddina Diinagdee fi Qaalawiinsa  Jireenya!
“Ask five economists and you'll get five different answers - six if one went to Harvard” kan jedhe hayyuu diingadee Ameerikaa nama Edgar Russell Fiedler jedhamuu dha.  Hayyoonni diingadee dhimma tokko irratti yaada fi ijjannoo tokko qabaachuu dhabuu ibsuuf qofa osoo hin taane dhimmi diinagdee haalawwan qabatamaa addaa addaa keessatti fuula adda addaa qabaachuu kan danda’uu ibsuuf fakkaata. Dhiibban geedaramiinsa jijjiiramaa diinagdee tokko ( kana akka oomisha waliigala (GDP), Gatii oomishaa fi tajaajilaa, Fedhii, dhiyeessa , dhiyeessa Maallaqaa, Geedarama sharafaa alaa, hirmaanna daldala addunyaaleessa ) isa kan biraa irratti qabaatuu fi hallii inni itti jireenya lammiiwanii miidhu bifa adda addaa qabaachuu danda’a.
Qaawwa kanatti dhimma bahuudhaan hooggantoonni biyyaa gama sabaahimaalee harkaa qabaniitiin  uummata  ittiin amansiisuuf yaalan dhagahuun waanuma baratame dha. Haata’u malee haallii kun yeroo takka takka dhugaa irraa daran fagaatee mula’ata. Icciti dirree irra jiruu fi mala-dhahaa saaynsiin diingdee kamiinu hin deeggaramnetti dhimma bahaanii waan wal faalleessu gama sabaahimalee harkaa qabaniittin yoo uumatatti gurra duuchan dhagaahamu. Akkuma addunyaan beektu amalli kun ammo sabaahimalee fi hoggantoota siyaasa Toophaatiif waan haara miti.  Yeroo adda addaatti dhimma wal falleessu dubbatanii deebi’anii ofumaa yeroo garagalchan mula’atu. Ka’uumsi dubbii kootis waanuma kana. Gama sabahimaa isaanii tokkoon oduun dhaabbanni gidduugalleessa waalta Adoolleessa 15, 2012 dabarse akkas jedha; “Qaalawiinsa jireenya guddina diinagdee waliin wal qabatee dhufe to’anno jala oolchuun gabaafame. Qaalawiinsa gatii kana gad xiqqeessuuf tarkaanfiwwan fudhataman keessa qamadii gargaarsaan alaa argamaan fayyadamtootaf raabsuun isa tokko turee jedhameera! ‘’ Oduu kana suur-sagaleen deeggaranii uummataaf dhiyeessan. Qaalawiinsi jireenyaa to’atamuun dhugaas ta’ee dhara sadarkaadhuma oduttuu dhagahuun gurraaf qoricha! Ani kanan kaasuu barbaadee, dhuguma guddinni diinagdee qaalawiinsa gatiitif sababa ni tahaa isa jedhuudha. Mal-dhahaan diingdee waan kana ni deeggara? Haalli qabatamaa diinagdee biyyaatti yeroo ammaa hoo waan kana waliin ni deema?
Akka saaynsiin diinagdee ibsutti, qaalawiinsa gatii (Inflation) jechuun; dabaliinsa sadarkaa gatii walii gala kan oomishaa fi tajaajilaa yeroodhaa gara yerootti tahuudha. Qaalawiinsi yoo baayee olka’ee jereenya uumataatifis ta’ee guddina dinaagdee waliigalaa biyyaatiif balaa guddaa qaba. Kana eenyulleen gurruma qaba! Akkuman dura jedhee, ka’uumsi kiyyaa walitti dhufeenya qaalawiinsi gatii kun guddina diinagdee waliin qabu irratti waa jechuu barbaadeeni.
Guddinni Diinagdee qaalawiinsa gatii ni hordofsiisaa? Deebiin gaaffii kaana Eeyyee ykn Lakkiis ta’uu mala! Eeyyee qaqqabsiisuu danda’a kan jennu, guddinni diinagdee jira jechuun gama biraatiin galiin lammiiwanii dabaleera jechuudha. Kun ammoo fedhii (demand) oomishaa fi tajaajilaa ol kaasuudhaan, keessattuu  yoo dhiyeessi jiru fedhii simachuu dadhabe, dabaliinsa gatii qaqqabsiisa.  Kuni ka tahuu  yeroo seektaroonni adda addaa diinagde keessa jiran gummanni isaan guddina diinagdee keessatti godhan kan wal hin gitne taheedha. Fakkeenyaaf, yoo guddinni seektara tajaajilaa seektara qonnaa caalee fi oomishini midhaan nyaata baayina ummata dabalaa deemu sooruu hin daandenye tahee biyyaa daldala alaatiif cufaa tatee keessatti qaalawinsi gatii midhaan nyaata waan hin oolle. Haala kana garmalee kan hammeessu inni biraa maallaqa giddina diinagdeen wal hin madaalle gara diinagdeetti facaasuudha. Maallaqni heedduun oomisha xiqqoo gabaa keessa ariiti – kun ammo gatii hammeessa!
Guddinni diinagdee argame madaalawaa fi gummanni seektaroota adda addaa kan wal simu yoo tahee, guddinni diinagdee qaalawiinsa jireenya ni wayyeessa malee hin hammeessu yaanni jedhuus deeggarsa guddaa qaba. Kun ifadha, guddina diinagdee jechuun oomishnii fi tajaajilli baay’inaan oomishameeraa jechuudha. Kun ammo, yoo dhiyyeessi maalaqaa dhaabata ta’e,  fedhii jiruu waliin waan wal simuuf qaalawiinssa gatii ni wayyeessa.  Hariiroo dhiyeessa maallaqaa fi qaalawiinsa jireenya gidduu jiru caalatti hubachuuf hima herreega armaan gaditti dhimma baane ilaaluu dandeenya:
MV = Pq  
M n dhiheessa maallaqa, V n saffisa maalaqaa (money velocity), Pn gatii oomishaa akkasumas q ammo sadarkaa oomishaa bakka bu’u. Hariiroo kana fudhannee yoo ilaalle, q ykn oomishni yoo dabalee fi dhiyyeessi maallaqa, MV n dhaabata yoo ta’e,  P –gatiin oomishaa kan gadi bu’uu ta’uu enyuunu hubachuu danda’a.
Mal-dhahaa kanaa olitti eeraman kan irraa kaanee yoo haala qabatamaa biyya Toophatti deebine, dhuguma guddinni diinagdee qaalawiinsa jireenyaa hammeessere? Isin waan jettan jedhaa, ani kanan jedhu dubbiin tana mitiidha. Guddinumti diinagdee jedhamu kunuu dhuguma jiraayyi kan jedhu akkuma jirutti ta’ee, yoo dhuguma jiraate akka isaan sabqunamtiidhan nutti himan jireenya kan qaalesse guddina diinagdee osoo hin taane, maalaqa guddina diinagdeetiin wal hin gitne facaasuudha. Akkuma beekamu qaalawiinsi jireenya biyyattii keessatti kan caala hammaate kan midhaan nyaatati. Guddinni jedhamu ammo gara caalu kan galmeeffame guddina seektara qonnaatiini. Akkas taanaan dhiyyeessa maalaqaatu guddiina galmeeffame caalee jechuudha. Kanas amanuun nama rakkisa. Maaliif jennaan tarkaanfiin yeroo adda addaatti gama kanaan fudhatame bu’aa yoo argamsiisu hin mula’anne.  Erga oomishinni qonnaa guddatee, maaltuu qaalawiinsa midhaan nyaata haammessere gaafi jedhuu gaafatamnaan mataan minsteera biyyattidha, hanqina dhiyeessa midhaan nyaata osoo hin taanee rakkoo raabsaa qabnaa jedhanis turan. Kana qofaas miti, daldaltoonni seeran alaa oomishaa biyya keessaa karaa dhoksaan biyyaa baasan jedhan. Dubbii jalqabaa dhugaa akka hin taane karaa adda addaan deebisani nutti himaniiru. Isaan keessa tokko hoogganaan baankii biyyoolessa gabaasa paarlaamadhaaf dhiyeessan keessatti rakkini qaalawinsa jireenya hanqina oomisha qonnaa akka ta’e himan. Lammaffaa oduudhuma sabahimaan isaani gaabase kana keessatti, mala ittiin qaalawiinsa to’atan keessaa qamadii gargaarsaan argatan raabsuun maalee kan oomishanii qaban raabsuun akka hin taane nuuf himaniiru. Kan oomisha karaa dhoksaan biyyaa baasanii gurguruu kuniis waanuma hin fakkaanne. Maaliif jennaan, yeroo isaan baanan kanatti gatiin midhaan nyaata kan addunyaa waliin yoo wal dorgomsiifne kan Toophaatu  baayee caala. Maalree maal haa buusuf sanumaa karaa dhoksaan baasii biraatiif of saaxilanii  biyyaa baasu daldaltoonni! Egaa walumagalatti sababiin qaalawinsaa kan Toophaa guddinni diinagdee jedhamu kan gaaffii keessa galuudha yaada jedhutti nama geessa.

No comments:

Post a Comment